Sangaa fi Harree
Melese Getahun Wolde
Salim Kasamba

Qoteebulaan hiyyeesi sangaa dulloomaa hojii hin jaalannee tokko qaba. Sangan kun qotissa hin jaalatu ture. Sangichi qe'ee oolee margaa nyaachu, bishaan dhuguu fi boqannaa gochuu qofa jaalata.

1

Qoteebulaan kun harre illee ni qabaa ture. Haree fi sangaan hiriyyaa turan. Gaaf tokko, sangaafi harreen waliin marii'atani. "Ani baayyee dadhabeeraa, guyyaa guutuu hojjachaa oolaa, meeshaan qonaa guddafi fi ulfaatoo dha. Qoteebulichii akka boqadhu naa hin eeyyammu."

2

Harrichi akkas jedhe yaade, "Sangaan kun abiidhoo dha, hojii hin jaalatu." Haarrichi sagalee ol kaase akkas jedhe, "Dhuguma meeshaan qotiinsaa ulfaata dhaa? Fira koo na amani, salphaa dha. Ani har'aa jooniyaa qamadiin guutamee duugdatti badhee deemaa oole. Yoo dhugaa dubbannee, jooniyaan kun meeeshaa qotisaa caalaa ulfaata."

3

Beladootni kun guyyaa biraa wal argani hasa'an. "Anaaf guyyaan har'aa gadhe dha," jedhe sangaan. "Ooruun asirraa baayyee fagaata, dhakaa hedduu of keessaa qaba. Quyyaa guutuu achi dalagaa oole. Boqannaa tokko hin arganne."

4

"Hojii ulfaataa hojjadhee jettaa?" gaafate harreen. "Ani har'a gabaa dhaquuf kilometeri dheeraa deemeera. Dhugaa dubbachuuf, anatu si caalaa hojii ulfaataa hojjate."

5

Guyyaa lammafaa, sangaan turee gara manaa gale. "Ooh hirriyyaa kiyya, har'ii anaaf guyyaa hamaa, jedhe harreen."

Haa ta'u malee harrichi waan sangaan dubbatuu dhageefachuu hin barbaadne.

6

"Ati, yeroo hudaa ni dadhabda. Yoo qotee bulaan dhufu ni ciftaa, Moo! Moo! Jette oota, qotee bulaanis dhukkubsatte jedhe yaada, boqannaas akka fudhattu sii eyyama," jedhe hareen sangaan.

Sangichi yaada harricha kana jaalatera. "Galatoomi harre kabajamoo, kun yaadaa gaaridha," jedhe sangaan.

7

Ganama biroo, sangaan ija dunuunfate cisee. "Moo! Moo!" jedhe oo'e.

Qotee bulaanis sangichaa ilaale. "Sangaan kiyya dulloomaan dhukkubsateera," jedhe. "Garuu, oorruu kiyya qotuu qaba. Eenyu na gargaaruu danda'aa? Tarii harreen na gargaaruu ni danda'a. Har'aa harren qotuu ni danda'a," jedhe.

8

Qotee bulaan meeshaa qonnaa harretti fe'ee, qotuu jalqabe. harrichas qaceen garafuu eegale. "Daddafi! Dafii deemi!" jedhe itti iyyee.

Harreeenis guyyaa guutuu ciminaan hojjachaa oolee galgalarratti garu baayyee dadhabe.

9

Harrichi suuta jedhe gara manaa deeme. Sangan harreen akkas jedhe, "Kabajamoo harree, guyyaan har'aa gaarii ture. Margaa dheede,bishaan dhuge boqannaas argadheera. Borrus dabalatan boqachuu barbaada. Mee yaada biraa naa kenni."

10

Harreen takka yaadee akkas jedhe, "Hojiin sangaa hojii kiyya caalaa ulfaata dha. Borru hojii sana deebi'ee hojjachuu hin fedhu." "Of eegii, qotee bulaan akkana jedheera, sangaa kiyya yeroo maraa dadhaba fi dhukkubsataa dha. Boruu yoo kan hin fayyinee ta'ee ni qalaa, foon isaas ni nyaana."

11

Sangichi bayyee sodaateera. Akkana jedhee booyee, "Dhuguma qotee bulaan akkas jedhee? San taanaan boru nan hojjadha. Amma natti fooyyaa'eera. Dadhabiin homaatuu natti hin dhagawamu."

12
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Sangaa fi Harree
Author - Melese Getahun Wolde, Elizabeth Laird
Translation - aman kadiro
Illustration - Salim Kasamba
Language - Afaan Oromo
Level - Longer paragraphs