Hantuutaf Adurre
Merga Debelo
Jacob Kono

Bara durii, adurreef hantuutni hiriyya turani.

1

Yeroo boodas firooni hantuuta lakkoofsan xiqqacha dhufan.

2

Dulooman hantuuta tokkos, "Adurrooni kun nunyaacha jiru," jedhe.

3

Haadholin hantuutas ijoolle isaani akka gadi hin baanef akeekachisan.

4

Hantuutotni hundinu gara alaas bahuu dhiisani boolla isaani keessa turuu eegalan.

5

Adurrootni beela'ani, "Hantuutotni hunduu eessa dhaqani?" Jechuu eegalan.

6

Isaa boodas, hantuuta barbaadani cidha qopheesuf murtessani.

7

Aduurrotni hantuutottan, "Ilmi keenya intala keessan haafuudhuu," jedhani.

8

Hantuutotnis adurreedhan, "Isin nunyaachu barbaadanittu," jedhani didani.

9

Dhuma irrattis ijoollee isaani walitti heerumsiisuf waligalan.

10

Adurrootni arraba isaani mimi'efachaa gammadani garaa mana isaanitti deebi'an.

11

Guyyaa cidhaa irraatti hantuutootni baay'ee ofeegacha turan.

12

Adurrotni sirbaa cidhaa sirba mana hantuutoota gahan.

13

Sirbichi, "Qabaati nyaadhani!" jedha ture.

14

Dulooman hantuuta sunis, "Yaa Hantuutoota fiigaa, fiigaa," jedhe sirbuu eegale.

15

Dulooman hantuuta kunis, "Nuyi hiriyyoota miti," jedhee adurrootatti hime.

16
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Hantuutaf Adurre
Author - Merga Debelo, Elizabeth Laird
Translation - Mulualem Daba
Illustration - Jacob Kono
Language - Afaan Oromo
Level - First sentences