Adurreef Hantuuta
Merga Debelo
Jacob Kono

Bara durii adurreefi hantuutni hiriyyaa turan jedhama. Waliin hojjetu waliinis taphatu turan. Walis in fuudhu ture.

1

Garuu yeroo muraasa booda, hantuutottni yaadahuu eegalan. "Firoonni keenya muraasa badaa jiruu. Eessaa deemanii?" jechaa wal gaafatu. Hantuutni tokko, "Eessuma koo ergan argee tureera," jedha. Kan biraa immoo, "Adaadaa koo anis argee hin beeku," jedha. Hantuutni saddaffaa immoo, "Obboleettin koos baddeetti," jedha. Inni arfaffaas, "Obboleessi koo essa jiraa?" jeedhe gaaffata.

2

Hantuutni dullooma tokko mataa isaa gadi qabatee gadduu eegale. "Oduu nama gaddisusu tokkon qaba." Jedhe "Adurroottin nu nyaachaa jiruu. Ofeegachuu qabna. Yoo tahuu baate yeroo gabaabduu keessatti nu nyaatani nu fixu." Jeedhe.

3

Hantuuttotni hafanis baayyee sodaatani. Haati isaanis akkas jette gorsiten, "Garaa alaatti gadi hin bahinaa. Ofeeggaadha. Adurrootni isin nyaatu."

4

Yeroo kana hantuuttooni baayyee of eeggachuu eegalan. Boollaa isaani keessaa oolu. Boollaa isaani keessaa gadi bahuu dhiisani.

5

Aduurrotnis amma yaaddahu eegalan. "Hantuuttooni essa deemanii? Beela'aa jirra. Homaa waan nyaatamu hin arganee," Jechaa gungumuu eegalan. Adurreen guddaa tokkos akkas jedhe, "Hantuuttooni nu dhokachaa jiru. Kanaafuu, akkamitti isaan qabachuu dandeenyaa?"

6

Aduurren tokkos, "Ani malaan qaba. Innis cidha qopheessine hantuutoota waamna. Isaa booda intalli isaani akkka ilmaa keenyatti heerumtu gaafanna. Nyaataf dhugaatii qopheesine hunda isaani bakka tokkotti walitti qabna. kana booda achitti isaan qabannee nyaanna," jette. Adurrootni hunduu yaada kana irraattii waliigalan.

7

Kanaafu, Adurrootni jarsoolii gara mana hantuutotatti ergan. Jaarsolinis, "Intala keessan ilma keenyatti heerumsiisaa. Haadha manaa barbaada," Jedhani gaafatan.

8

Hantuutoottni baayyee aja'ibsiifatan. "Nuyi isin hin amannu. Isin nyaata qofaaf nu barbaadu," Isaanin jedhan. Adurrootnis, "Lakkii! Lakkii!" jedhanii deebisaniif. Itti aansudhanis, "Nuyi baayyee amanamoodha. Kan barbanuus firooma keessan qofa. Dhugaadha, yeroo dheeran duraa firoonni keenya muraasni isin nyaacha turan. Amma garuu isa irraanfachuu qabna. Nuyii gonkumaa isin hin nyaannu." Jedhani wawwatan.

9

Yommuu hantuutni isaan ilaalan Adurrootnis haala garaa nama nyaatuun isaan ilaalan. Hantuuttootnis, "Haa tahuu. Intalaa keenya ilma keessanif ni keenina." Jedhan.

10

Aduurroonis gammadani gara mana isaanitti deebi'an. Hantuuttotnis gorora isaanii coccobsaa, "Guyyaan ciidhaa kun aja'ibuma ta'a," jedhan.

11

Yeroon cidhaa gahe. Ammas garuu hantuuttootni baayyee shakkaa jiru. Ijoollee isaanitinis, "Boolla keessan irraa akka hin fagaanne. Yoo isaan gaarii nuf ta'an nutis gaarii taanafi garuu nu nyaachuu barbaadu yoo ta'e qophaahuu qabnaa, "Jedhani gorsan.

12

Adurrootni gara mana hantuuttota dhufaa jiru. Sirba cidhaas sirbaa jiru.

13

Hantuutni duloome tokko, "Waan sirbaa jiran dhageessaa?" jedhe hantuuta dargaggeessa tokko gaafate. Innis, "Eyyee, qabaatii nyaadhaa!" jechaa jiru jedhe deebiseef.

14

Duulachi hantuutaa kunis, "Nuyis sirbuu qabnaa," jedhe. Akkas jedhe sirbuu eegale, "Fiiga Hantuuttotni. Fiiga Hantuuttotni." Isaa booda hantuuttooni utaalanii gara bolla isaanitti galaanii jalaa dhokatan.

15

Yommuu aduurrotni bakka cidhaa gahani, hantuutni tokko illee hin jiru. Isa booda, "Missirroon essaa jirtii?" jeedhani waalgafaatan. Yommuu sana hantuutni dulooma tokko suuta jeedhe mataa isaa gadi baasee, "Nuyiis beekneerra, malas malaaneerra! Yommuu diinni kee sobee hiriyyaa siif tahuu, irraa baqachuuf qopha'ii." jedheen.

16
You are free to download, copy, translate or adapt this story and use the illustrations as long as you attribute in the following way:
Adurreef Hantuuta
Author - Merga Debelo, Elizabeth Laird
Translation - Mulualem Daba
Illustration - Jacob Kono
Language - Afaan Oromo
Level - Longer paragraphs